Oduu Ammee | Dhimma Barnootaa ambo
Oduu Ammee | Dhimma Barnootaa
Amboo
Yuunivarsiitii Ambootti Barattoonni Sagantaa ‘Remedial’ Rakkoo Sirna Qormaataa fi Hanqina Yeroo Isaan Mudate Hiriira Nagaa Taassisuun Komatan
Barattoonni sagantaa ‘Remedial’ damee Saayinsii Hawaasaa Yuunivarsiitii Amboo Mooraa Guddaa, qormaata kennamaa jiru irratti rakkoo teeknikaa sirna kompiwutaraa (system) fi hanqina yeroon miidhamaa akka jiran Miidiyaa Abdii Sabaatti himan.
Barattoonni kun gabaasa isaaniin akka ibsanitti, rakkoolee teeknikaa mudateen bu’aan qormaata isaanii balaa irra bu’uu eeruun, qaamni dhimmi ilaallatu furmaata akka kennu gaafataniiru.
Akka ibsa barattoota kanaatti, qormaata Afaan Ingilizii guyyaa har’aa qoramaa turan irratti ibsaan deddeebi’ee baduun gufuu guddaa uumeera. Ibsaan erga deebi’ee booda qormaata isaanii itti fufuuf yaalii yeroo taasisanitti, sirni qormaatichaa (system) “Never Submitted” akka isaanin jedhee fi qormaaticha hojjechuu akka hin dandeenye himaniiru. Dhimma kana irratti hanga ammaatti qaama bulchiinsa mana barumsichaa irraa deebiin ykn furmaanni tokkollee akka isaaniif hin kennamne addeessaniiru.
Dabalataanis, komiin barattootaa kun guyyaa har’aa qofa osoo hin taane guyyaa kaleessaas qormaata marsaa jalqabaa fi lammaffaa irratti osoo isaan hin xumuriinii fi galchii (submit) hin godhiin sirnichi ofiin cufamuu isaa eeraniiru. Qormaata marsaa sadaffaa irrattis gaaffii 100 hojjechuuf sa’aatii tokkoo fi daqiiqaa kudhan (1:10) qofti akka kennameefii fi rakkoon ibsaan babbaduufi fi Siistemaa osoo isaan hin hojjetiin carraa akka dhabsiise ibsaniiru.
Dhuma irrattis, barattoonni komii teeknikaa kana qaama dhimmi ilaallatu dhageessisuuf hiriira nagaa yeroo taasisanitti, humnoonni nageenyaa tarkaanfii reebichaa fi ari’uu fudhachuun sagalee isaanii ugguranii gara kutaa ciisichaa (doormii) isaaniitti akka deebisan gabaasaniiru.
Haaluma kanaan, rakkoo mudate kanaaf bulchiinsi Yuunivarsiitichaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu dafanii furmaata akka kennan gaafataniiru.
Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University hordofaa!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
