News

Ministeerri Nageenyaa Haleellaa Godina Arsiitti Raawwatame Balaaleffate

Ministeerri Nageenyaa Haleellaa Godina Arsiitti Raawwatame Balaaleffate

Gareen hidhattoota ‘Shanee’ jedhamu guyyoota filannoo Godina Arsii keessatti haleellaa suukkanneessaa raawwachuu isaanii Ministeerri Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriis ibsa har’a kennaniin dubbatan.

Keessattuu Aanaa Asekoo keessatti eegumsa irra kan turan miseensonni miiliishaa 5 fi poolisii 3, akkasumas namoonni nagaa 4 battaluma sanatti lubbuun isaanii darbeera.

Dabalataan, aanaalee akka Shirkaa fi Honqoloo Waabeetti namoonni nagaa 4 kaayyoo maallaqa gaafachuutiin ukkaamfamanii turan ajjeefamuu isaanii ministeerichi ifoomseera.Haleellaa kanaan qabeenyi hawaasaa fi dhaabbanni amantaa balaa guddaadhaaf saaxilamaniiru.

Akka gabaasichatti, Manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa tokkoo fi manneen jireenyaa dhuunfaa 65 guutummaatti kan gubaman yoo ta’u, buufanni fayyaa fi waajjirri gandaa tokkos saamamaniiru. Gocha kanaan walqabatee hawaasni naannichaa baay’een qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.

Obbo Mahaammad gocha kana gaddisiisaa fi seenaa hawaasaa kan faallessudha jedhanii balaaleffachuun, “Hawaasni yoo qorameyyuu mana amantaatti baqata malee, manni amantaa iddoo waraanaa ta’uu hin qabu” jedhan.

Dhimma kanaan walqabatee, odeeffannoo sobaa fi viidiyoo moofaa naannoo kaabaatti waraabame tamsaasuun hawaasa kakaasuuf yaalii taassifamaa jiru irratti ministeerichi akeekkachiisa jabaa dabarseera.

Meeshaa ijaarsa mana amantaa kaabaa agarsiisanii “Manni amantaa godaansa keessa jira” jechuun tamsaasuun seeraanis ta’e naamusaan dhorgaa dha jedhan.

Dhumarratti, hoggansa Mana Amantaa Ortodoksii waliin marii jabaan akka taasifamee fi fuulduratti abbootiin amantaa gara iddoo sanaa imaluun qindoominaan hojjechuuf waligaltee irra ga’amuu isaa dubbataniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *