Kaffalanii leenji’u, bilisaan qoramu.
Kaffalanii leenji’u, bilisaan qoramu.
Madaalliifi leenjiin irra deebii konkolaachistootaa guyyoota 15 keessatti ni eegalama.
Ministeerri Geejjibaafi Loojistikii balaa hanqina gahumsaatiin qaqqabu hir’isuuf, pirojektii biyyaalessaa konkolaachistoota hojii irra jiran hunda irra deebi’ee leenjisuufi madaaluuf karoorfate ifoomseera.
Kanaafis akka gargaaru, Ministeerichi dhaabbata SDS jedhamu waliin waliigaltee hojii mallatteesseera.
Hojimaanni haaraan guutummaatti teeknooloojiidhaan deeggarameefi tuttuqaa namaarraa bilisa ta’e kun, boqonnaa jalqabaatiin konkolaachistoota konkolaataa daldalaa irratti guyyoota 15 itti aanan keessatti hojiirra ooluu eegala.
Ministeerichi galmee, madaalliifi waraqaa ragaatiif (sartafikeetiif) kaffaltiin kamiyyuu akka hin jirre ibsee; haa ta’u malee, konkolaachistoonni leenjii guyyoota 5f turu dhaabbata ofii filatanitti kaffalanii akka hordofan beeksiseera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
