Waamicha DeeggarsaaAriifachiisaa fi Lubbuu Baraaruu
Waamicha Deeggarsaa
Ariifachiisaa fi Lubbuu Baraaruu
Lubbuu Barattuu Eebbifamtuu Seenaa Gaddisaa Haa Baraarru!
Barattuu abjuu fi mul’ata guddaa qabdu, akkasumas Yuunivarsiitii Haramaayaatti muummee Afaan Oromootiin barattuu eebbifamtuu bara kanaa kan taate Seenaa Gaddisaa Gabayyoo, waggaa tokkoo oliif dhukkuba Kaansarii Lafee (Bone Cancer) ulfaataa taʼeen qabamtee dararamaa jirti.
Yuunivarsiitiin Haramaayaa waggaa tokkoo oliif yaalchisaa kan ture ta’us, yeroo ammaa kana haalli fayyaa barattuu Seenaa sadarkaa baay’ee yaaddessaa irra gaheera.
Sababa dhukkuba kanaan socho’uus ta’e ejjechuu kan hin dandeenye yoo ta’u, yeroo hiriyyoonni ishee Qormaata Bahumsaa (Exit Exam) fudhachuuf qophaa’aa jiran kanatti, isheen garuu Hospitaala Hiwoot Faanatti ciiftee dhukkuba kanaan dhiphachaa jirti.
Yaalii fayyaa olʼaanaa hatattamaan argachuu akka dandeessuuf, “Maaloo na bira dhaabbadhaa, lubbuu koo naaf oolchaa!” jechuun hawaasa bal’aatti iyyannaa ishee dhiheeffatteetti.
Miidiyaan Abdii Sabaas yeroo ulfaataa fi qormaataa kanatti, hawaasni wanta danda’u maraan cinaa ishee akka dhaabbatu kabajaan gaafata.
Gargaarsi keessan lubbuu ishee oolchuu qofa osoo hin taane, fayyitee abjuun ishee akka dhugoomu shoora ol’aanaa taphata.
Karaa Deeggarsa Ittiin Taasisuun Danda’amu:
• Baankii Daldala Itiyoophiyaa (CBE): 1000308787037 (Seenaa Gaddisaa Gabayyoo)
• Lakk. Bilbilaa: 0961121582
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
