Namticha Dargaggoo Guyyaa Cidha Isaa Dura Ajjeese Irratti Murtiin Du’aa Ragga’e
Namticha Dargaggoo Guyyaa Cidha Isaa Dura Ajjeese Irratti Murtiin Du’aa Ragga’e
Mana Murtii Olaanaa Godina Geede’ootti, namticha dargaggoo hojjetaa Baankii Abisiiniyaa ture fi guyyaa cidha isaatiif guyyoonni muraasni hafan irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwate irratti murtii dhumaa murtii du’aa dabarseera.
Ajajaan Qajeelcha Poolisii Godinichaa Inispeektar Birruu Maarqoos murtiin kun har’a xumuramu isaa ibsaniiru.
Yakkichi Ebla 14, 2018 E.C. magaalaa Gedeb keessatti kan raawwatame yoo ta’u, himatamaan Tsaggaayee Taaddasaa jedhamu, dargaggoo Tamasgeen Daani’eel jedhamu shugguxiin dhukaasee erga ajjeesee booda to’annoo seeraa jala oole.
Akka ragaaleen naannichaa agarsiisanitti, himatamaan kun jaalallee duraanii kaadhimamtuu nama du’ee kanaa yoo ta’u, dhimma kana haaloo fi inaaffaaf jedhee yeroo dheeraaf karoorfachuun yakka kana raawwate.
Himatamaan kun erga to’annoo jala oolee qorannoon irratti gaggeeffamaa turuun, manni murtichaa duraan Caamsaa 17 murtii du’aa ka’umsaa kenne ture.
Dhimmoota murtii salphisan fi cimsan gama lamaaniinuu dhiyaatan dhaggeeffachuun walmadaalchisee, beellama guyyaa har’aatiin (Caamsaa 26, 2018) murtii du’aa kana guutummaatti raggaasiseera.
Manni Sirreessaa Diillaas murtii kana hordofee akka raawwachiisu manni murtichaa ajaja kenneera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
