News

Paaspoortii Baasuuf Qaamaan Argamanii Ashaaraa Kennuun Hafuufi

Paaspoortii Baasuuf Qaamaan Argamanii Ashaaraa Kennuun Hafuufi

Tajaajilli Imigireeshinii fi Lammummaa, tajaajilamtoonni ashaaraa kennuuf qaamaan argamuun osoo isaan hin barbaachisiin, tajaajila paaspoortii guutummaatti toora interneetiitiin (online) argachuu kan itti danda’an hojimaata haaraa diriirsaa jiraachuu beeksise. Kanaanis lammileen paaspoortii isaanii manuma taa’uun xumuratanii argachuu danda’u jedhameera.

Daayirektarri Olaanaa dhaabbatichaa Aadde Salaamaawit akka ibsanitti, hojimaata haaraa kana hojiirra oolchuuf sirni paaspoortii waraqaa eenyummaa diijitaalaa biyyoolessaa ‘Faayidaa’ jedhamu waliin qindaa’aa jira. Hojimaanni kun lammileen ragaa ‘Faayidaa’ irra jiru kallattiin fayyadamuun, manaa osoo hin bahiin adeemsa paaspoortii isaanii xumuranii akka argatan isaan dandeessisa.

Dabalataanis, maqaa galmee toora interneetiitiin gochaalee waliin dhahinsaa fi seeraan alaa raawwataman ittisuuf tarkaanfiin fudhatamaa jira. Haaluma kanaan, namni tokko iddoo tokko ta’uun namoota 10 ol galmeessuu akka hin dandeenye sirni to’annoo cimaan diriirfamuusaa dhaabbatichi himeera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *