Dr. Abiy Ahmed Haleellaa Godina Arsii Irratti Gadda Itti Dhaga’ame Ibsan,
Dr. Abiy Ahmed Haleellaa Godina Arsii Irratti Gadda Itti Dhaga’ame Ibsan,
Waajjirri Muummicha Miniistiraa ragaa dhimma waqtaawaa irratti baaseen, haleellaa tibbana garee finciltootaatiin Godina Arsii Aanaa Asekoo fi naannawa isaatti manneen amantaa fi siivilii irratti raawwatame hordofee, Muummichi Miniistiraa Dr. Abiy Ahimad gadda guddaa itti dhaga’ame ibsuu isaanii beeksiiseera.
Haleellaan kun kaayyoo waldhabdee amantaa fi gosaa uumuu, akkasumas adeemsa Filannoo Waliigalaa 7ffaa gufachiisuuf kan karoorfame ta’uu eerameera.
Ibsa kanaan akka ifoometti, gareen finciltootaa fi humnoonni finxaaleyyii deeggarsa humnoota alaa waliin qindoomuun magaalaalee akka Finfinnee, Baahir Daar, Gondar, Debre Birhaan fi naannawa Tigraay lixaa keessatti shororkaa uumuu fi daandii cufuuf yaalanii turan. Haata’u malee, tarkaanfii qindoomina qabuun karoorawwan shororkaa fi jeequmsaa mootummaa ceesisuuf turan hedduun isaanii dursanii fashaleeffamuu danda’aniiru.
Dhumarratti, Waajjirri Muummicha Miniistiraa dabalee akka ibsetti, gaaffiwwan siyaasaa kamiyyuu sirna heera mootummaa, xurree Marii Biyyoolessaa fi dhaabbataalee dimookiraasii qofaan furamuu akka qaban addeessuun, qaamolee siivilii irratti yakka raawwatan irratti tarkaanfiin seeraa cimaan hidhannoo guutuun akka itti fufu hubachiiseera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
