News

Barattoonni Kuma 560 Ol Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Fudhachuuf Galmaa’an



Barattoonni Kuma 560 Ol Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Fudhachuuf Galmaa’an

Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa akka beeksisetti, qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2018 kennamu fudhachuuf sadarkaa biyyaalessaatti barattoonni kuma 560 ol galmaa’aniiru. Qormaanni kun Waxabajjii 24, 2018 irraa eegalee hanga Adoolessa 17, 2018 E.C. tti kan kennamu ta’uu beekameera.

Daayirektarri Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Dr. Isheetuu Kabbadaa ibsa kennaniin, barattoota qormaatichaaf galmaa’an keessaa harki caalaan isaanii toora interneetiitiin (online) kan fudhatan yoo ta’u, iddoowwan hanqinni bu’uura misoomaa itti mul’atutti immoo akka kanaan duraa waraqaadhaan kan kennamu ta’uu addeessaniiru.

Dabalataanis, adeemsi qormaata kanaa haala milkaa’aa ta’een akka xumuramuuf, dhiyeessii interneetii fi tajaajila humna ibsaa amansiisaa ta’e mirkaneessuuf qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru daayirektarichi eeraniiru.

Miidiyaan @ABDII_SABAA akkuma waggoottan darbanii karaa barbaachisuun barattoota kanniin kan deeggaru yommuu ta’u odeeffannoowwan gama ministeera barnootaatiin jiran yeroon qulqulleessuun kan isiniin ga’u ta’uu isin beeksisa.

Yeroo barattoonni mooraalee qormaataa seenan maatii barattootaaf odeeffannoo barbaachisan qaqqabsiisuufis miidiyaan Abdii Sabaa qophii xumureera.

Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *