Of-eeggannoo Lammiilee Itoophiyaa Baha Giddu-galaa Jiraniif
Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa, haala yeroo ammaa Giddu-gala Bahaatti uumamaa jiruun walqabatee, lammiileen Itoophiyaa naannichatti argaman of-eeggannoo cimaa akka taasisan waamicha dhiyeesseera.
Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa haala nageenyaa Giddu-gala Bahaa keessatti mudachaa jiru hordofuun, lammiileen Itoophiyaa naannicha jiran of-eeggannoo dacha akka taasisan dhaamsa dabarseera.
Daayirekatar Jeneraal Ambaasaaddar Dawaanoo Kadiir akka ibsanitti, mootummaan haalicha dhiyeenyatti hordofaa waan jiruuf, lammiileen yeroof manuma isaanii keessa turanii qajeelfamoota nageenyaa naannoo sanaa akka hordofan gorfamaniiru.
Ambaasaaddarichi itti dabaluun, mootummaan deeggarsa barbaachisu hunda gochuuf qophii ta’uu isaa mirkaneessanii, garuu haalli jiru waan yeroodhaa gara yerootti jijjiiramuuf gara fuulduraatti maaltu akka uumamu tilmaamuun ulfaataa ta’uu dubbataniiru.
Kanaafuu, tarkaanfiin gara fuulduraa mootummaan fudhatu kamiyyuu haala nageenyaa yeroo sana uumamu irratti kan hundaa’u akka ta’e hubachiisaniiru.
