Uncategorized

TPLF Waraanni hamaan deebi’ee ka’uuf akka jiru Akeekkachiisan.

TPLF qondaaltotni olanoo isaanii akka jedhanitti, mootummaan federaalaa waliigaltee nageenyaa Preetooriyaa ifatti diiguu isaa fi naannicha marfama jala galchuu isaa eeruun, waraana hamaa deebi’ee ka’uu danda’uuf gamtaan hawaasa idil addunyaa dhimma kana keessa harka akka galchu waamicha ariifachiisaa dhiyeessaniiru.

Naannicha keessatti hanqina aangoo siyaasaa uumame duuchuufi ittifufiinsa dhaabbilee mirkaneessuuf, jiraattota naannichaa miliyoona tokkoo ol kan hirmaachise mariin bal’aan akka taasifame ibsi TPLF kun beeksiseera.

Haaluma kanaan, manni marii bakka bu’oota uummata Tigraay kan bara 2012 A.L.I filatame gara aangoo abbaa biyyummaa isaatti akka deebi’u murtaa’uun isaa ifamoomeera.

Manni marichaa gara hojiitti yommuu deebi’u caasaa seera raawwachiiftuu fi abbaa seeraa hirmaachisaa ta’e akka ijaaru kan ibsame yoo tahu, paartilee siyaasaa mormitootaafis kaabinee keessatti qoodni aangoo dhibbeentaa 33 (harka sadii keessaa harka tokko) akka kennamuuf waamichi dhiyaachuu isaa ibseera.

Haaluma kanaan, naannichaa keessatti rakkoon namoomaa fi dinagdee ammas haala yaaddessaa irra akka jiru waamichi addunyaa kun kan eere yoo tahu, dhorkaan mootummaan federaalaa boba’aa fi meeshaalee daldalaa irra kaa’e sochii dinagdee guutummaatti akka laamshesseefi jireenya irratti miidhaa guddaa akka uume bal’inaan ibsa.

Kana malees, Raayyaan Ittisa Biyya Itoophiyaa daangawwan Tigraay irratti qophii waraanaa bal’aa fi marfama gochaa akka jiru ibsuun, gochi kun uummata irratti dhibbaa xiinsammuu fi hawaasummaa guddaa uumaa jiraachuun himatameera. Gama biraatiin, godaantotni Tigraay Dhihaa jiran gara qe’ee isaaniitti akka hin deebine mootummaa federaalaa fi michoota isaatiin gufuun uumamaa akka jiruufi dhaabbileen gargaarsa addunyaas deeggarsa isaanii dhaabaa dhufuu isaanii ragaan kun ni addeessa.

Kallattiin siyaasaa naannichaa gara gara-jabinatti, filannoo humna waraanaatti fi gara-tokkee-ta’uutti siqamaa waan jiruuf, sodaan waraana haaraa ka’uu kana booda tilmaama qofa osoo hin taane dhimma qabatamaan balbala irra gaheedha jedhuun ragaan ibsa kana irraa argame kun akeekkachisera.

Waraanni kun yoo ka’e daangaa Itoophiyaa qofatti akka hin hafneefi guutummaa naannoo Gaafa Afrikaa (Horn of Africa) haala hamaan booressuu akka danda’u eereera.

Nageenya waliinii buusuuf ammas taanan bulchiinsi Tigraay fi TPLF mariif qophii ta’uu isaanii ibsuun, dhaabbanni gamtaa idil addunyaa gama lachuu gara yaada mariitti fiduuf dhibbaa dippilomaasii isaa akka fayyadamu waamicha dhiyeessaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *