Uncategorized

Istaadiyeemii Finfinneetti Feestiivaala Ispoortii Har’a Gaggeeffamuuf Qophiin Nageenyaa Xumuramuu Poolisiin Beeksise

Istaadiyeemii Finfinneetti Feestiivaala Ispoortii Har’a Gaggeeffamuuf Qophiin Nageenyaa Xumuramuu Poolisiin Beeksise

Feestiivaala ispoortii Istaadiyeemii Finfinneetti har’a gaggeeffamu ilaalchisee qaamoleen nageenyaa qophii barbaachisaa xumuranii gara hojiitti galuu isaanii Qajeelchi Poolisii Magaalaa Finfinnee ifoomseera.

Poolisiin ibsa kenneen, feestiivaalichi naamusa ispoortiitiin haala milkaa’aa ta’een akka xumuramuuf gaheen qopheessitootaa fi hirmaattootaa (daawwattootaa) olaanaa ta’uu ibseera.

Kanaafuu, hirmaattoonni sakatta’iinsa nageenyaatiif qaamolee tajaajila kennan waliin akka atoomanii fi meeshaalee dhorkaman qabatanii akka hin seenne akeekkachiiseera.

Dabalataanis, hawaasni wantoota shakkisiisoo fi sodaa nageenyaa uuman yeroo argu sararoota bilbila tolaa armaan gadii ykn appilikeeshinii «EFPApp» fayyadamuun eeruu akka kennu waamichi dhiyaateera:
990
991
987
816

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *