Uncategorized

Lubbuun Namoota Siivilii Sadii (Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa 2 fi Hordofaa Islaamaa 1) Darbeera

#ARSII Namoota Meeqatu du’e.

“Lubbuun Namoota Siivilii Sadii (Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa 2 fi Hordofaa Islaamaa 1) Darbeera” – KMNI

Koomishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI/EHRC) ibsa har’a baaseen, qorannoo haleellaa Godina Arsii Aanaa Asekootti Caamsaa 23 fi 24, bara 2018 raawwatame irratti gaggeesse ifoomseera.

Kanaan dura Phaaphaasiin Kutaa Lallabaa Arsii fi Somaalee Jijjigaa Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Abunee Eelsaa’e, “Arsii Bahaatti hordoftoonni Ortodoksii 13 ajjeefamaniiru, amantoonni 280 ol buqqa’aniiru, akkasumas manni amantaa waggaa 101 gubateera” jechuun ibsuun isaanii ni yaadatama. Tarree maqaa namoota du’aniis ifa godhanii turan.

KMNI ragaa ragaalee ijaa, miidhamtootaa fi qaamolee mootummaa irraa walitti qabeen, haleellaa kanaan miseensonni humna nageenyaa fi namoonni siivilii ajjeefamuu, jiraattonni buqqa’uu, akkasumas qabeenyi barbadaa’uu mirkaneessuu isaa ibseera. Koomishinichi qorannoo isaan akka mirkaneessetti, Caamsaa 22 irraa eegalee Aanaa Asekoo Ganda Deletaa Caffeetti sochii hidhattootaa ture hordofee, miiliishaa naannichaa, Poolisii Farra Riphe-loltootaa Oromiyaa fi garee hidhattootaa ofiin Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO/Shanee) jedhu gidduutti walitti bu’iinsi uumameera.

Walitti bu’iinsa kana hordofee haleellaa gareen hidhattootaa raawwateen, namoota naannichaa baqachuu hin dandeenye kanneen ta’an Haayiluu Nugusee fi Sammuu Abbaayinaa (hordoftoota amantaa Kiristaanaa) akkasumas, namicha horii tiksaa ture Baatoo Safanoo (hordofaa amantaa Islaamaa) dabalatee waliigala lubbuun namoota siivilii sadii (3) darbuun mirkanaa’eera.

Dabalataanis, haleellaa kanaan Manni Amantaa Qulqulluu Gebri’eel gubachuu Koomishinichi kan mirkaneesse yoo ta’u, dallaan Masjiida Sheek Mustafaa Biyyo-Buxxullee miidhamuu, manneen baay’inni isaanii sirriitti hin beekamne gubachuu, akkasumas buufata fayyaa, manneen jireenyaa fi suuqiiwwan daldalaa irratti saamichi raawwatamuu ibseera. Sababa haleellaa kanaanis jiraattonni naannichaa tilmaamaan 2,650 ol ta’an qe’ee isaaniirraa buqqa’uun mirkanaa’eera.

Mootummaan haleellaa irra deddeebiin raawwatamaa jiru kana dhaabuu fi hawaasa buqqa’eef deeggarsa namoomaa ariitii akka dhiyeessu, akkasumas namoonni qe’ee isaaniitti akka deebi’an haala akka mijeessu KMNI gaafateera. Komishinarri Olaanaan Koomishinichaa Obbo Birihaanuu Addalloo miidhaa qaqqabeen gadda itti dhaga’ame ibsanii, mootummaan humna nageenyaa gahaa ramaduun mirga lubbuun jiraachuu fi qabeenyaa lammiilee akka eegu gaafataniiru.

Dhumarrattis, KMNI dhimma kana irratti gabaasa qorannoo bal’aa fuulduratti akka ifoomsu eeruun, qaamoleen ragaa qabatamaa osoo hin qabaatiin hawaasa gara walitti bu’iinsa dabalataatti oofuu danda’an tamsaasan gocha kana irraa akka of qusatan waamicha dhiyeesseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *