Iraan Yeroo Lammaffaafi Kuweetiifi Baahireen Irratti Haleellaa Raawwatte
Iraan Yeroo Lammaffaafi Kuweetiifi Baahireen Irratti Haleellaa Raawwatte
Iraan, Erga Yuunaayitid Isteets naannawa Qashm irratti haleellaa boombii raawwattee sa’aatii muraasa booda, biyyoota lameen irratti xiyyeeffachuun haleellaa haaraa raawwachuu isee beeksisteetti. Iraan biyyoota lameen irratti waliigala miseelota baalistikii torba (7) akka dhukaaste gabaafameera.
Gama biraatiin, Ajajaan Waraana Ameerikaa (CENTCOM) haleellaa Kuweetiifi Baahireen irratti kaayyeffame kana fashaleessuu isaa ifoomseera. Iraan guyyoota muraasa dura tarkaanfii Kuweetiifi Baahireen irratti fudhatteen Buufanni Xiyaaraa Idil-Addunyaa Kuweet miidhamuun isaa ni yaadatama. Haleellaa kanaan hojjettoonni buufatichaa fi imaltoonni 62 erga madaa’anii booda, Kuweet buufata xiyaarichaa yeroof akka cufamu murteessitee jirti.
Gabaasa dooyichee weellee (DW) fi Arab News irratti akka ibsametti, Ameerikaan diroonita Iraan rukuttee kuffisuu fi buufataalee raadaarii irratti haleellaa raawwachuu isee beeksisteetti. Kana hordofee Kuweet diroonota gara isheetti dhufan yoo fashaleessitu, Baahireen keessatti ammoo sagaleen akeekkachiisa haleellaa qilleensa (siren) dhaga’ameera.
Haleellaan kun dhiibbaa fi walitti bu’iinsa torbanoota muraasa keessatti qaqqabe keessaa isa lammaffaa yoo ta’u, laaffannaan waliigaltee Iraan fi Ameerikaa gidduutti argame naannicha caalaatti gara Tasgabbii dhabuutti geessaa jiraachuun eerameera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
