Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp mootummaan Iiraan hatattamaan angoo akka gadi dhiisu waamicha dhiyeessaniiru.
Tiraamp akka jedhanitti, yeroon bulchiinsa kanaa xumurameera, tarkaanfiin waraanaa kunis “uummata Iiraan cunqursaa jalaa bilisa baasuuf” kan fudhatameedha. Akkaataa kanaan, miseensonni waraanaa fi hoggantoonni mootummaa Iiraan yoo harka kennan dhiifamni akka godhamuufi, yoo didan garuu “lafarraa isin balleessina” jechuun akeekkachiisaniiru.
Adeemsi kun Iiraan akka deebitee ijaaramtuuf carraa gaarii dha jedhanii kan amanan Tiraamp, mootummaan sun lola hin dhumne keessa seenuu mannaa karaa nagaa angoo akka gadi dhiisu gaafataniiru.
