Uncategorized

Haleellaa Israa’el fi Ameerikaan qindoominaan Iiraan irratti raawwataniin walqabatee, biyyoonni hedduun kallattiin lola kana keessatti hirmaachaa jiru.

Israa’el fi Ameerikaan “Operation Epic Fury” (Oopereshinii Barbadeessaa) jechuun kan moggaaste jalqabuun Teheraan irratti boombii harcaasaa kan jiran yoo ta’u, gama biraan ammoo Iiraan misaa’elaan deebii kennaa jirti.

Biyyoonni akka Emireetota Araba Gamtoomanii (UAE), Baahireen, Kataar fi Kuweet misaa’eloota Iiraan irraa dhufan qolachuu fi qilleensa isaanii cufuun dhimma kana keessatti kallattiin hirmaatanii jiru.

Akkasumas, gareen Hizboollaah (Libaanos) fi Huutonni (Yeemen) gama isaaniitiin deeggarsa Iiraaniif jecha Israa’el irratti haleellaa banuun lola kana gara naannoo bal’aatti babal’isaa jiru.

Sochiin waraanaa kun Baha Giddu-galaa qofa osoo hin taane, nageenya addunyaa irrattis yaaddoo guddaa uumee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *