Masriin adeemsa waggoota dheeraaf Itoophiyaa waliin dhimma bishaan Naayilii fi Galana Diimaa irratti qabdu gara tooftaa haaraatti jijjiirte.
Mootummaan Masrii, Itoophiyaan karaa ittiin daldala ishee Galana Diimaa irratti gaggeessitu deeggaruuf fedhii akka qabdu yoo ibsitu, kun garuu haalawwan gurguddoo lamaan kan wal qabatedha. Innis, Itoophiyaan dhimma Haaromsaa Hidha Guddicha irratti waliigaltee waloo irra ga’uuf fedhii agarsiisuu qabdi, akkasumas buufata waraana bishaanii (Naval Base) Somaalilaandi keessatti ijaarrachuuf karoorfatte dhiisuu qabdi kan jedhudha.
Gama biraan, Masrii doorsisa waraanaa ishee naannoo sana keessatti akka malee cimsitee itti fuftee jirti. Loltoota kuma kudhan (10,000) gara Somaaliyaatti erguun fi buufatawwan doonii Eertiraa fi Jibuutii keessatti waliigaltee uumuun Itoophiyaa naannoo sana keessatti akka qophaatti hafitu gochuuf hojjechaa jirti. Kunis Itoophiyaan karra galaana diaa daldalaaf argattus, humna waraana bishaanii (navy) akka hin qabaanne itti yaadamee kan hojjetamedha.
Itoophiyaan gama isheetiin karra Galaana Diimaa argachuun “dhimma jiraachuu fi dhabamuu” akka ta’e dubbachuun, shaakala waraana bishaanii fi meeshaalee waraanaa ammayyeessuu itti fufteetti.
