Kadhataa Qarshii Dirhaama Kuma 20 Qabatee Argame! Poolisiin Duubaay Gocha Kadhaa Irratti Tarkaanfii Jabaa Fudhachaa Jira.
Poolisiin Duubaay (UAE) ji’a Ramadaanaa kanaan walqabatee gocha kadhaa irratti tarkaanfii jabaa fudhachaa jiraachuun isaa gabaafameera.
Namni gocha kadhaa irratti bobba’ee argame hidhaa hanga ji’a sadiitti gahuun adabamuu akka danda’u poolisiin ibseera.
Duulli farra kadhaa kun kan jalqabame yeroo baay’ee namoonni miira arjummaa lammiilee fayyadamuun waan kadhatan yoo ta’u, keessattuu interneeta (online) irratti kadhaa taasifamu irraa akka of qusatanii fi gargaarsi kamuu karaa seera qabeessa ta’e qofaan akka raawwatamu hubachiisni kennameera.
Tarkaanfiin kun kan jabaate erga namichi kadhatu tokko harka isaa irraa qarshii Dirhaama 20,000 ol qabatee argamee boodadha. Poolisiin akka addeessetti, namichi kun gocha yakkaa kana raawwachuuf biskileetii fayyadamaa konkolaattota qaalii (luxury cars) bakka dhaabbii isaanii hordofee namoota gowwomsuunidha.
Duubaay keessatti kadhachuun yakka waan ta’eef, namni gocha kanaan qabame hidhaa ji’a sadii malees adabbii qarshii Dirhaama 5,000 kaffaluuf akka saaxilamu akeekkachiisni kennameera.
Ragaaleen poolisii waggoota dhiyoo gabaasaa jiran akka agarsiisanitti, bara 2023 keessa namoonni 499 kadhaan to’annoo jala oolaniiru.
Akkasumas, bara 2024 keessa lakkoofsi kun gara 384tti kan gad bu’e yoo ta’u, waggaa darbe keessa torbanoota jalqabaa lamaan Ramadaanaa qofatti namoonni 127 gocha kanaan qabamuun isaanii mirkanaa’eera.
