Popular News

Pireezidaantiin Israa’el Yisihaaq Herzoog Daawwannaa Hojiif Finfinnee Seenan.

Pireezidaantiin Israa’el Yisihaaq Herzoog har’a Guraandhala 25, 2026 daawwannaa hojii guyyaa tokkoo gaggeessuuf magaalaa Finfinnee seenaniiru.

Pireezidaantichi yeroo Buufata Xiyyaaraa Boolee gahanitti Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa, Dr. Geediyoon Ximootiyoos fi qondaaltota mootummaa birootiin simannaa ho’aan taasifameeraaf.

Daawwannaan kun hariiroo Diippiloomaasii, diinagdee fi nageenya naannichaa irratti biyyoota lamaan gidduu jiru caalaatti cimsuuf kan yaadamedha.

Pireezindaantiin Herzoog daawwannaa kanaan Pireezidaantii Itoophiyaa Taayyee Atsqasillaasee fi Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimad waliin marii bal’aa dhimmoota naannoo Gaanfa Afrikaa irratti ni gaggeessu jedhamee eegama.

Hariiroon seenaa fi tarsiimoo Itoophiyaa fi Israa’el gidduu jiru waggoota dheeraaf kan ture yoo ta’u, daawwannaan kun immoo tumsa gama qonnaa, teeknoolojii fi fayyaa irratti qaban gara sadarkaa haaraatti ni ceesisa jedhamee amanamuun ala, hoggantoota hawaasa Yihudaa Itoophiyaa keessa jiran waliinis wal arguuf karoorfataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *