Recent News

Namichi Sijaaraa Mana Hidhaatti Dhoksee Galchuuf Yaale Tokko Hidhaa fi Maallaqaan Adabame.

Namichi maatii isaa mana hidhaa jiru gaafachuu deeme tokko, sijaaraa dhoksee galchuuf yaaluu isaatiin adabbii hidhaa fi maallaqaatiin adabame.

Namni Zakkaariyaas Habtamaariyaam jedhamu kun, Guraandhala 12, 2018 maatii isaa mana hidhaa Zuwaayitti argamu gaafachuuf magaalaa Galaan irraa ka’uun gara bakka sanaatti imale.

Hata’u malee, shakkamaan kun meeshaalee hayyamaman kan akka nyaataa fi uffataa qabatee deemuu dhiisee, sijaaraa hidhaa 5 feestaaliitti xaxuun dhoksee galchuuf osoo yaaluu to’annoo poolisii mana hidhaa Zuwaayi jala ooleera.

Dhimmi isaa Mana Murtii Adaamii Tulluu Jiddo Kombolchaatti kan dhihaate yoo ta’u, namni kun gocha yakkaa irratti dhihaate amanee fudhateera.

Bu’uura kanaan, manni murtichaa namoonni biroos gocha akkasii irraa akka baratan gochuuf, Guraandhala 16, 2018 oolmaa taasiseen shakkamaa kanarratti adabbii hidhaa baatii sadii fi adabbii maallaqaa qarshii 7,000 murteesseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *