ENTERTAINMENT

Komii Barattoota Koollejjii Odaa Bisil Damee Guduruutti barachaa turan. turre.

akkasumas Koollejjii Odaa Bisil Damee Amboo irraa komii qaban isiniif dhiheessinee turuun keenya nii yaadatama haa ta’u malee dhimmicha ilaalchisuun ittii gaafatamaa koollejjichaa dubbisuuf yaaliin bilbilaan taasisne nuuf milkaa’ee Akka hin turres isin beeksisnee

Haaluma kanaan yaada Barattoota kanneenii irratti hundaa’uudhaan dhiimmi Kun furmaata Akka argatuuf irra deebinee qaama Dhimmichi ilaallatuuf kan bilbillee yoo ta’u deebii armaan gadii nuuf deebisanii jiru.

“Koollejjiin Odaa Bisil Waggoota hedduuf Barattoota isaa haala gaariin barsiisuun muummee Barnoota garaagaraatiin Eebbisiisaa kan turee fi Koollejjii maqaa gaarii qabu Akka ta’e nuuf himan”.

Komiin yeroo darbe nu qunname muraasni dhugaa ta’uu fi muraasni ammoo rakkoo Barattootaa ta’uu isaa heeruun balleessaa Koollejjiichaa akka hin taane himan.

“Nuti gama keenyaan Barattoonni kunneen tutorial Akka fudhataniif yeroo hedduu irraa deddeebinee haala mijjeessaafi turre haa ta’u malee Barattoonnii fudhachuuf eeyyamamoo ta’an akkuma jiran kanneen fudhachuu hin barbaannes jiru”jechuun nuuf ibsan.

“Barattoonni tutorial hin fudhanne ammoo Qormaata ba’insaa (exit exam)kanaaf qophaa’uun nii cima.carraan qabxii gaarii galmeessuu isaanis baayyee dhiphaadha,kanaafuu Baratoonni Marti osoo fudhatanii qabxii gaarii galmeessuun carraa darbuun isaanii nii guddisu jennet yaadna.”jechuun dubbatu.

“Akkuma Barattoonnii Kun komatan tutorial kanaaf qarshii 2000 gaafannee turre Kunis kan ta’eef Barnoota kana tutorial kennuuf barsiisaa tokkoof saati tokkoottii qarshii 100 kaffallee Akka tutorial kana Kennan taasisna,kanaaf ammoo dirqama maallaqni nii barbaachisas” jechuun komiin Barattootaa sirrii ta’uu fi Sababa isaas heeran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *