Seenaan Haarawaa Barreefame! Arsenal Waggaa 22 Booda Gooftaa Piriimiyer Liigii Ingilaand Ta’e! 🏆
Seenaan Haarawaa Barreefame! Arsenal Waggaa 22 Booda Gooftaa Piriimiyer Liigii Ingilaand Ta’e! 🏆
Gammachuun deeggartoota Arsenaal daangaa hin qabu! Erga bara 2004 asitti waancaa dhabuun mormiifi qeeqa cimaa keessa kan turan deeggartoonni kilabichaa, dharraan isaanii dhugoomuun waancaa Piriimiyer Liigii Ingilaand (EPL) waggaa 22 booda harka isaaniitti deebifachuu danda’aniiru.
Haalli waancaa kanaa haala ajaa’ibaa ta’een kan mirkanaa’e dha. Morkataan cimaan isaaniifi abbaan waancaa waggoottan darban, Maanchisteer Siitiin, tapha cimaa kilabii Boornimaawuz (Bournemouth) waliin taasisaniin 1-1 qixa ba’uun qabxii murteessaa waan dhabeef, tapha isaa isa dhumaa yoo injifateyyuu wal-ida’ama qabxiitiin Arsenalitti dhaqqabuu akka hin dandeenye mirkanaa’eera. Kanaafuu, Arsenal qabxii kanaan dura dursaan kuufate qofaan, osoo dirree hin seenin abbaa waancaa ta’uun isaa mirkanaa’eera!
Milkaa’inni seena-qabeessi kun tasa kan dhufe miti. Ijaarsa garee leenjisaa Miikeel Arteetaatiin obsaafi tooftaa ammayyaawaan waggoota darban keessa hojjetamaa tureen kan dhufe dha. Garee dargaggoota onneefi kaka’umsa qabaniin ijaarame kana, dirree ofiifi dirree alaatti taphoota murteessoo injifachaa deemuun firiin dadhabbii isaanii milkaa’inatti akka jijjiiramu godheera.
Priimiyer Liigiin Ingilaand Itoophiyaa dabalatee addunyaa guutuutti liigii hunda caalaa jaalatamummaa olaanaafi daawwattoota bal’aa kan qabu dha. Keessattuu deeggartoota Arsenal hedduu biyya keenya keessa jiraniif galgalli edaa kun galgala seenaafi gammachuu guddaa ta’eera.
Arsenal milkaa’ina liigii kanaan qofa osoo hin dhaabbatin, deeggartoota isaa daran boonsuuf xumura waancaa Shaampiyoonsii Liigii Awurooppaa , waancaa guddicha lammaffaa fudhachuuf waldhaansoo jabaa gochuuf eegaa jira.
Waggaan kun dhugumaan waggaa Arsenaaliti!
