Event More News

Amanuun Ni Dhiba! Dubartii Fakkaatanii Waggaa 30 Jiraachuu: Seenaa Ajaa’ibaa Obbo Asfaawu Daggifee

Magaalaa Bishooftuu keessatti seenaan ajaa’ibaa fi amanuun nama dhibu tokko saaxilamee jira.

Namni umuriin isaa waggaa 47, Obbo Asfaawu Daggifee jedhamu waggoota 29 guutuu eenyummaa isaa dhoksuun akka dubartiitti jiraachaa turuun isaa poolisiidhaan mirkanaa’eera.

Namni kun maqaa isaa gara “Asaffaash” jedhutti jijjiiruun, uffata dubartii uffachaa fi hojiiwwan akka buddeena tolchuu, ittoo qopheessuu, kireessa manaa fi farsoo gurguruu irratti bobba’ee waggoota dheeraaf hawaasa keessa jiraachaa ture.

Iccitiin waggaa dheeraa kun kan saaxilame garuu, yommuu inni midhaan hatuun shakkamee poolisiidhaan to’annoo jala ooleetti yoo ta’u, yeroo qorannoon qaamaa irratti gaggeeffamu dubartiin “Asaffaash” jedhamtu kun dhiira ta’uun isaa barameera.

Gochi amanuun nama dhibu kun miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan kan dubbatamaa jiru yoo ta’u, namoonni hedduun akkamiin waggaa 29 guutuu osoo hin saaxilamiin hawaasa gidduu jiraachuu danda’e jechuun ajaa’ibsiifachaa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *