Boordiin Filannoo Burjaajii Manneen Barnootaa Cufamuu Waliin Walqabatee Uumameef Ibsa Kenne.
Oduu Ammee
Finfinnee
Boordiin Filannoo Burjaajii Manneen Barnootaa Cufamuu Waliin Walqabatee Uumameef Ibsa Kenne.
Magaalaa Finfinnee keessatti manneen barnootaa tokko tokko barattoota isaaniitiif “guyyaa Kibxataa fi Roobii barnoonni hin jiru” jechuun xalayaan beeksisuun isaanii, maatii fi barattoota biratti burjaajii uumee ture.
Haata’u malee, Boordiin Filannoo Biyoolessaa Itoophiyaa galgala kana ibsa ariifachiisaa baaseen, boru Kibxata irraa eegalee manneen barnootaas ta’ee hojiin idilee hundi guutummaatti akka itti fufu ifoomseera.
Boordichi ibsa isaa kanaan akka beeksisetti, adeemsi sagalee kenniinsaa Filannoo Waliigalaa 7ffaa har’a Caamsaa 24, 2018 xumurameera. Filannichaaf jecha waajjiraaleen, dhaabbataaleenii fi manneen barnootaa akka cufaman kan taasifame guyyaa tokkoof (Wiixata) qofa ta’uu ibsuun, boru irraa eegalee hojiiwwan idilee mootummaa fi dhuunfaa, akkasumas adeemsi baruu fi barsiisuu kan idilee kan itti fufu ta’uu mirkaneesseera.
Odeeffannoo miidiyaalee hawaasaa irratti “manneen barnootaa hanga Roobiitti cufamaa ta’u” jedhamee tamsa’aa jiru fi xalayaa manneen barnootaa tokko tokko dabarsan “guutummaatti soba” jechuun kan qeeqe boordichi, manneen barnootaa hundi banamanii tajaajila idilee kennuu akka qaban gaafateera.
Kanaafuu, barattoonnii fi hojjettoonni hundi boru irraa eegalee hojii fi barnoota idilee isaaniitti akka deebi’an hubachiifameera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
