Raawwachiistonni Filannoo Lama Hojii Irraa Ari’aman
Raawwachiistonni Filannoo Lama Hojii Irraa Ari’aman
Adeemsa sagalee kenniinsaa booda haala guutuu biyyattii ilaalchisee Boordiin Filannoo Biyoolessaa Itoophiyaa ibsa kenneen, magaalaa Finfinnetti raawwachiistota filannoo dambii darban irratti tarkaanfii fudhachuu isaa beeksiiseera.
Walitti-qabduu Boordichaa Aadde Meelaatwoorq Haayiluu akka ibsanitti, buufataalee filannoo Finfinnee tokko tokko keessatti namoonni seenuun hin malle seenuun argamuun isaanii komii guddaa uumee ture.
Boordichi odeeffannoo kana qulqulleeffachuuf battaluma sanatti garee hordoffii gara bakkeewwan sanatti kan erge yoo ta’u, raawwachiistonni filannoo lama dambii boordichaa cabsuun gocha seeraan alaat osoo raawwatanii harkaaf harkatti qabamaniiru.
Gareen hordoffii sunis battaluma sanatti namoota lamaan kanaan hojii irraa akka gaggeeffaman taasisera.
Yeroo ammaa kana buufataalee filannoo hunda keessatti haalli jiru tasgabbaa’aa ta’uu fi adeemsi hojii filannichaa toora isaa eegee itti fufaa akka jiru boordichi dabalataan ragaasiseera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
