Gamtaan Awurooppaa fi Michoonni Isaa Filannicha Ilaalchisee Ibsa Dinqisiifannaa Baasan
Gamtaan Awurooppaa fi Michoonni Isaa Filannicha Ilaalchisee Ibsa Dinqisiifannaa Baasan
Jilli Gamtaa Awurooppaa, dipilomaatoonni biyyoota miseensa gamtaa kanaa, akkasumas embaasiiwwan Kaanaadaa, Noorweey fi Iswiizarlaand waliin ta’uun filannoo waliigalaa 7ffaa Itoophiyaatti gaggeeffame ilaalchisee ibsa gamtaa baasaniiru.
Ibsa kanaanis, filannoon waliigalaa biyyattii keessatti gaggeeffame akka fudhatan beeksisaniiru.

Dabalataanis, Gamtaan Awurooppaa fi michoonni isaa gumaacha Boordiin Filannoo Biyoolessaa Itoophiyaa (NEBE), raawwachiistonni filannoo, paartileen siyaasaa, kaadhimamtoonni fi dhaabbataaleen hawaasa siivilii taasisaniif dinqisiifannaa isaanii ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, gahee Dhaabbanni Tokkummaa Afriikaa (AU) fi IGAD taajjabdummaarraan taphatan beekamtii kennuun, gabaasa qaamolee kanneen irraa eegamu hawwiin akka eegan addeessaniiru.
Dhumarrattis, naannoolee filannoo guyyaa sagalee kenniinsaatti dhimmoota adda addaatiin filannicha gaggeessuu hin dandeenye keessatti, carraan filannoon itti gaggeeffamu fuulduratti akka mijatu abdii qaban ibsa gamtaa baasan kanaan eeraniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
