Iraan har’a kallattiin biyyoota torba (7) haleelteetti.
Biyyoonni kunis: Israa’el, Iraaq, Kuweet, Baahireen, Qataar, UAE (Yunaayitid Arab Emireetis), fi Sa’ud Arabiyaa dha.
Tarkaanfiin kun kan fudhatame erga har’a ganama US fi Israa’el “Operation Epic Fury” jedhamuun magaalota Iraan hedduu irratti haleellaa qilleensaa bananii boodadha.
Haleellaa kanaan, Iraan buufataalee waraana US kan biyyoota Galoo Galaana Paarsiyaa (Gulf Countries) keessatti argaman irratti xiyyeeffatteetti. Keessumaa buufata qilleensaa Al-Udeid kan Qataar keessatti argamu, buufata doonii waraana US (5th Fleet) kan Baahireen keessatti argamu, fi buufataalee waraanaa Kuweet keessatti argaman misaa’elaan haleelamaniiru. UAE (Abu Dhaabii) keessattis halleellaa kanaan namni tokko du’uun isaa gabaafameera. Kunis birmadummaa biyya ishee eegsisuuf akka ta’e mootummaan Teeraan ibsiteetti.
Iraan tarkaanfii kana kan fudhatteef haloo ba’uuf akka ta’e ifatti addeessiteetti. Prezedantiin US Donaald Traamp fi muummichi ministeera Israa’el Benyaamiin Netaanyaahuu “Iraan meeshaa niukilaaraa akka hin hojjenne gochuuf” tarkaanfii kana akka jalqaban dubbataniiru. Haa ta’u malee, deebiin Iraan biyyoota naannichaa hedduu irratti furguggiste kun, waraanni kun gara lola addunyaa hammaataatti akka hin jijjiiramne yaaddoo guddaa uumeera.
